Naannoo Oromiyaatti qonnaan bultoonni godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa hojii qonnaa kuduraa fi muduraatti bobba’anii jiran oomisha keenya yeroo eegnee walitti-qabachuu akka hin dandeenye taasisamne jechuun himatan. Sababa qamadii jal'isiin facaasuu waliin walqabateen oomisha ganna oomishame yeroo malee lafa irraa akka kaasnu, qaamni mootummaa nu dirqsise – jedhu.
Waajjirri qonna godina Arsii lixaa sagalee Ameerikaaf ibsa kenneen, “qaamni qonnaan bultoota oomisha isaanii walitti-qabachuu dhorke hin jiru” jedhe. Dr. Abdullaahii Beekaa hoogganaan waajjira qonna godina Arsii lixaa godinichatti omishaaleen haala qilleensaa waliin wal siman kamiyyuu dabaree dabareen oomishamaa jiru, jechuun himan.
Forum