Itiyoophiyaa Keessattis ta’e biyyoota addunyaa irraa adda addaa keessatti yeroo ammaa hojii dhabdummaan yaaddoo guddaa uumee jira. Gatiin jireenyaa yeroodhaa yerootti dabalaa deemuu , biyyoota baay’ee keessatti nageenyi dhabamuun yommuu hojiidhabdummaatti dabalaman namoota baay’eef yaaddoo guddaadha. Sirna Barnootaa kan Kolleejjii fi yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa keessatti baroonni Interpenuurshiip ykn kan hojii uummuu kan kennamaa jiru tahullee baay’ina dargaggoota barnoota eega xumuratanii booda hojii barbaadaa jiranii xiqqeessuu hin dandeenye. Kana irratti dargaggoota koolejiilee irraa eebbifamanii hojii dhaban jiranii fi namoota dhimma kana irratti ogumaa fi muuxannoo qaban dubbisnee jirra.
Forum