Mootummaan Naannoo Oromiyaa ammas nageenyi naannicha keessaa sirnaan akka bakkatti deebi’uuf mala nageenyi itti bu’u hundaa yaalaa jirraa jedhee jira. Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa, Obbo Hayiluu Addunyaa, harra saba himaaleef ibsa kennanii, dhimma marii araara mootummaa fi Waraana Bilisummaa ilaalchichisee gama mootummaatii nagaa buusuuf of kenniinsi fi murtoon itti deemamaa jira, jedhanii jiran. Obbo Hayiluun buqqaatota Oromiyaa buqqa’anii naannoo Amaaraa keessa jiran ilaalchisees, ammatti buqqaatota kunneen hojiin adda baasuu jalqabuullee dubbatanii jiran.
Forum