Badhaasa Atileetii waggaa Kanaaf Tigist Asaffaa sadarkaa xumuraa irra geesse. Atileetonni Ityoophiyaa Maraatoonii Beerut dhiraa fi dubaraan rikoordii bakkichaa fooyyeessuun injjiffatan. Akkasuma dorgoommii walakkaa maaratoonii Bostan irratti atileetoonii Itophiyaa dubartootaan sadarkkaa 1ffaa hanga 3ffaatti bahuun injjiffataniru.
Gama biraatiin Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa FIFAn garee biyyooleessa Ertiriyaa tapha gulaallii waancaa Addunyaa irraa dhorkke. Taphni primeerligii Ingilizii irratti immoo Manchister Siitii fi Cheelsiin tapahtanii goolii 4 fi 4n walqixxa bahuun xumuran . Oduu keenya xumuraattin taphataan sarara fuulduraa Gaanaa Liigii Albaanii keessatti goolii galchuudhaan sadarkaa olaanaa kan ture direee taphaa keessatti kufuun lubuun isaa darbeera.
Forum