Mootummaa Federaala Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti mariin araaraa marsaa lammaffaa, Taanzaaniyaa keessatti yeroo geggeessamaa jirutti, naannoo Oromiyaa bakkawwan adda addaatti tibbana humnoota mootummaa fi loltoota WBO gidduutti walitti-bu’insoonni itti fufanii jiru, jedchuun jiraattonni Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.
Gama biraatiin, mariin mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummmaa Oromoo gidduutti geggeessamaa jiru uummataaf akka ifa taasisamu, paartiin mormitootaa shan ibsa waliin baasaniin gaafatanii jiran. Walitti-bu’insi itti fufuu isaa ka jiraattonni dubbatan ilaalchisee, Waajira Bulchiisaa fi Nageenyaa Naannoo Oromiyaa fi Waajira Koomiyunikeeshinii Mootummaa Federaalaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin taasisne hin milkoofne. Tsahaay Daamxoo dabalata qabdi.
Forum