Halaa yeroo amma Gaazaa keessaa jirun kan walqabateen akkaataan gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuun danda’amu waan rakkisaa ta’eef siviilonni Gaazaa keessa jiran dhiyeenyaa kanatti beelaaf akka saaxilaman daarekteerri Sagantaa Nyaata Aduununyaa Siindii Maakeen ibsanii jiru.
Waa’ee gargaarsa namoomaatiifi ulaa saaquu ilaalchisee Ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bliinken miseensaa Kaabinee waraanaa Israa’eel Beenii Gaanteez wajjin maryachuu isaanii minstirri dhimmaa alaa kamisa kaleesaa beeksisee jira.
Waraanii Israa’eel kamisa kaleessaa galgala ibsa kenneen namoottaan hospitaalaa Al shifaa keessa jiraanuuf bishaan dhugaatii Liitirii kuma 4 fi nyaataa bilchaataa 1500 ta’u laachuu isaa ibsee jira.
dhimmumaa walqabateen ,Israa’el lola Hamaasii wajjin taasisaa jirtuun “ yakka waraanaa Raawwatetti” jechuudhaan akka manni murtii yakka adduunyaa qoratu mootummaan Afrikaan kibbaa gaafachuun isaa gabaasamee jira.
Gaafiin kun kan ifa ta’e, Prezidaantiin Afrikaa kibbaa Siiriil Raamaafoozaa,yemmuu kaataar keessattii daawwaanna taasisaa jiran yemmuu ta’u, biyyii isaanii fi biyyoottan adduunyaa biroo tarkaanfiin Israa’el Gaazaa keessatti fudhachaa jirtu hunduu akka gara mana murtii yakkaa adduunyaati dhihaachuu qabu gaafannaa jechuun isaanii gabaasamee jira.
Dubbii himaan Paarti mootummaa Afrikaa kibbaa bulchaa Jiru/ ANC kan ta’an, Mahileengii Bihengu Motisiirii kamisa kaleesaa ibsa kennaniin gaaffii akka Embaasiin Israa’el biyyattii keessa jiru cufamu Paarlamaa biyyattifi dhihaachaa jiru akka degeran ibsuun isaanii gabaasameera.
Dhimmaa kana ilaalchisee akka yaadaa isaanii kennaan VOA dhan kan gaafataman Ambaasaadarri Israa’el Eliyaav BeelotseerKooviskii deebii hin kenine.
Prezidaantin Afrikaa kibbaa haleelaa gareen Hamaas Onkoololessa 7 raawwateen namoottan ajjeefaman 1200 akkasumas, namootan umnaan butamanii fudhataman 240 ilaachisee Hamaasiin akka hin balaaleffanne gabaasameera.
Muummichii ministeeraa mootummaa Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahuu ibsa jalqaba torban kanaa kennaniin, tarkaanfiin Ieraa’el yeroo kamuu fudhattu balaa of irraa qolachuu irratti kan hundaa’eedhaa jedhanii , lola adeemaa jiru keessatti miidhaa siviilota irraa gahuu danda’uu hirdhisuudhaaf yaalii addaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsanii jiru.
Magaalotaa Afrikaa kibbaa keessatti hiriirri deggersaa paalastaayin taasifaamaa kan jiru hemuu ta’uu, boordiin gareewwan hawaasaa Juush Afrikaa kibbaa keessa jiraatan bakka bu’u, erga lolichii jalqabamee as Afrikaa kibbaa keessatti sochiin farraa warra Seem guddachaa jiraachuu isaa akka ibse gabaasinni Keet Baartileetin Johaansberg irraa qophaa’e beeksiseera.
Forum