Ministira maalaaqaa mootummaa Ityoophiaatti Deetaa ministeeraa kan ta’an Eyyoob Tekalinyiin waabefachuudhaan maddi oduu Rooyiters akka gabaasetti, Ityoophiyaan ji’a Hagaya darbe keessaa yeroo kaffaltii liqii waggaaoottan lamaaf dheeresuudhaaf Chaayinaa wajjin waliigaltee mallateesitee jirti. Ammaas akkaataa Chaayinaa wajjin taasifamee sanaan qaamolee biroo warreen liqiin kaffalamuufii qabuu wajjin taasisuudhaaf qajeelfama irratti waliigalteen jiraachuu isaa deetaan ministiraa Iyoob Tekaaliny ibsuun isaanii beekameera.
Amma dhuma ji’a Bitootessaa kan bara kanatti liqii alaa Biliyoonii 28 kan baatee jirtu Itiyoophiyaan yeroo jalqabatiif akka haalli liqii kaffaltii irraa deebi’ame ilaalamuu kan gaafatte bara 2021 keessa yemmuu ta’u, inisii walgaltee adduunyaa dhibee Kooviidiin walqabatee irratti hundaa’udhaan akka ta’e ibsameera.
Ji’a mudee dhufuu keessaa kan yeroon isaa xumuramuu waligaltee boondii yuuroo Biiliyoonii tokko ilaalchisee, dhaabbataa maalaaqa adduunyaa ykn IMF wajjin waligaltee haaraa irraa gahuudhaaf mariin akka jalqabamee ministirri maalaqaa biyyatti Robii dheengadaa ibsuun isaa gabaasameera.
Bara 2018 yemmuu mootummaan Abiyi Ahimed aangoo irraa dhufee biyyatti keessatti hojjachuudhaaf dhaabileen biyyaa alaa fedhii guddaa agarsiisuu isaanii kan eere gabaasinni Rooyoters kun, haa ta’uu malee abdiin sun qaala’insaa jireenyaa dachaadhaan dabaleen, hanqinaa sharafa alaatiin akkasumas, waliti bu’iinsa biyyatti kessatti hammaachaa adeemeen akka fiixaan bahuu hin dandeenye ibsee jira.
Forum