Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Gargaarsi Kennamu Yeroon Akka Hin Dhaqqabiin Waldaan Fannoo Diimaa Beeksise 


Naannoo Amhaaraa
Naannoo Amhaaraa

Waldaa fannoo diimaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaa dame Baahir Daar kan ta’an Yeshaambel Waalee akka sagalee Amerikaatti himanitii, godina Waag Himiraa anaa Sehaala Seyemt keessatti namoottan beela balaa hongee irraa ka’een rakkataniif kan oluu midhaan kuntaalli 400 guyyoottan 17 dura ergamusi,haalli nageenya yeroo imalaa konkola’attootaa waan gufachiiseef gargaarsichii qaqqabuu hin dandeenye.

Godina bulchiinsaa sab-lammii Waag Himiraa anaalee Abergellee, ziquwaalaa fi Shaalaa seyemt keessatti balaa hongee muudateen namoonii ja’a fi beeladoonni manaa kuma lama ta’an du’anii namoonii kuma 200 ta’an gargaarsa namoomaa eeggachaa akka jiran kan gabaasamee yemmuu ta’u godinicha keessatti kan argaman anaalee 26 warreen hanqinaa roobaa qaban keessatti namoonii kuma 400 ol gargaarsii atatamaa akka isaan barbaachisuufi beelladoonni miiliyoonii 1 fi qabxii lamma ta’anis waan nyaatan akka hin qabne gabaasinni komishiinii ittisa balaa godinichaa irraa bahee ibsee jira.

Labsii yeroo atattamaa naannoo Amaharaa keessatti labsamee kan ojii irraa oolchaa jiru wiirtuun ajajaa tibbana magaalaa Debremaarqoos keessatti walgahii taasissen hallii nageenyaa naannicha keessaa jiruu yeroo amma fooyya’insaa agarsiisuu isaa akka ibse Asteer Misgaanaawu gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG