Xurree ittiin seenan

 
Mariin Marsaa Lammataa Motummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Taanzaaniyaatti Geggeessamaa Ture Hin Milkaa’iin Hafe 
Breaking News

Mariin Marsaa Lammataa Motummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Taanzaaniyaatti Geggeessamaa Ture Hin Milkaa’iin Hafe 


Asxtaa WBO fi Alaabaa Itoophiyaa
Asxtaa WBO fi Alaabaa Itoophiyaa

Mariin wal waraansa Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Federaalaa xumuraan ga’uuf gaggeefamaa ture milkii malee dhumachuu isaa Mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Mariin nagaa qaamolee lamaanii guyyootaaf Taanzaaniyaa magaalaa Daaree Selaamitti gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu gama mootummaa Itiyoophiyaatii kan beeksisan Gorsaa Dhimma Nageenyaa Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen turan.

Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun marii kanarratti hirmaachaa kan turan Obbo Reedwaan ''mariin marsaa lamaan WBO waliin gaggeessaa turre walii-galtee malee xumuramee'' jechuun ibsa kennaniin kana beeksisan.

Mootummaan Federaalaa ''lola kutaalee Oromiyaa gariin keessatti gaggeefamaa tureen dararaa mudate xumuraan ga’uu barbaade ture kan jedhan Obbo Redwaan boquu jabaachuu qaama isa kaaniin walii galtee irra utuu hin ga’amin xumurame jedhan. Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye gareen kaan(WBO) qabu tu milkaahina dhabuu mariiwwan kanaaf sababadha, jedhe mootummaan. Obbo Reedwaan ibsa isaanii kana keessatti, mootummaan fedhiiwwan jiran simachuuf ejjannoo isaa jijjiiree furmaata qaama lamaaniinu fudhatama argachuu danda'u barbaadaa ture, jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo-Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO)n gama isaatiinn ibsa baaseen, mariin araaraa walitti bu’iinsa naannoo Oromiyaa keessa jiru xumuraan ga’uuf geggeessamaa ture akka walii galtee hin ga’iin xumurame beeksise. Uummata Oromootiif, uummata biyyattii waliigalaatiif dhugaan adda ta’e akka dhufu tilmaamuudhaan, ABO-WBOn hooggansa isaa sadarkaa ol’aanaa marii marsaa kanaaatti hirmaachisuu isaa dubbata, ibsichi.

Gaaffilee ijoo ummata keenyaa hiikuuf daandii saaquuf, ABO-WBOn bulchiinsa naannoo Oromiyaa irratti jijjiirama hiika qabu fiduuf jecha Zanzibaar irraa hanga Dar es Salaamitti yaada hunda ofitti haammate dhiyeessee akka turetti kan eere ibsichi, “dhugaa jechuuf, motummaan Itiyoophiyaa danqaalee nageenyaa fi siyaasaa hin darbamne fakkaatan rakkoolee bu’uuraa furuu irra, akkuma yeroo maraa hoggana OLA to’achuu irratti fuuleffate” jedhe.

Biyyattiin dhaabbatoota akka uummatni hiree isaa ofii murteeffatu itti-gaafatamummaa fi aangoo kennuuf fi akka kennaalee namummaa fi uumamaa keenyatti dhimma baanu waltajjii banu qabaachuu ishee barbaachisa, kan jedhe ibsi ABO-WBO, “dhaabbatoota akkanaa ijaaruun waan deemsaan tahu akka tahe ni hubanna, garuu gara karaa sittiitti tarkaanfachuuf carraa seena-qabeessi argame mootummaan Itiyoophiyaa deemsa sirreessuu dhabuun hin milkaa’iin hafe” jechuun xumure.

Mariin marsaa lammataa kun angawoota waraanaa ol’aanoo qaamolee lamaanii hirmaachiisuun torban tokkoo oliif gaggeefamaa ture tahus, dhimmootni mariif dhiyaatan maal akka ta'an dabalatee deemsa marichaa irratti hanga har'aatti odeeffannoon gahaan hawaasa dhaqqabaa hin turre.

Mariin kun jaarsummaa dhaabbilee akka IGAD, biyyoota akka Yunaayitid Isteetis, Noorwaay fi Keeniyaan gaaggeefamaa ture. Ajajaan waliigalaa ABO-WBO Jaal Marroo yokaan Kumsaa Dirribaa marii kana irratti argamuu isaanii dabalatee, sababoota adda addaaf mariin miilanaa ni milkaa’a abdiin jedhu guddaa ture.

Obbo Reedwaan ibsa baasan keessatti xumurri maricha akka eegame ta'uu dhabaa isaatti gadduu ibsanii, dhaabbilee marii kana qindeessaa turanii fi biyya maricha keessummeessite galateeffatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG