Akka jiraattonni naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa aanaa Dagaam jedhanitti magaalaa Yaayaa Gullallee keessatti lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti adeemsifamaa tureen Sanbataa darbe namoonni nagaan sadii ajjeefamaniiru. Lola sana hordofuun namoonni akka manaa hin ba’iin kan dubbatan jiraattonni Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan kun, “namoonni sadeen garuu osoo mana isaaniitiin ala socho'aa jiranii humnoota mootummaatiin rukkutaman” jedhan.
Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa garuu, humnoonni nageenyaa mootummaa lammiilee nagaa irratti tarkaanfii hin fudhatan, jedhu. Naannoo Oromiyaa bakka tokko tokkotti lolli humnoota naageenya mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifamaa ture akka hin dhaabatatiin kan himamaa jiru yoo tahu, gama biraan mariin marsaa lammmataa gama lameenii Taanzaaniyaa keessatti dhiheenya jalqabame ittuma fufee jira.
Forum