Mootummaan Itiyoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo wal dhabdee isaanii karaa nagaa furuuf Tanzaaniyaa Dare es salamiitti mariin marsaa lammaffaaf taasisaa turan walii galteerra osoo hin ga’amiin xumuramuu isaa qaamoonni lamaanuu ibsa Kibxata, Sadaasa 21, 2023 mata mataan baasanirraa hubachuun danda’ameera. ‘Waliigaluu hin dandeenye’ jechuurraa hafe dhimmoota maaliifaarratti walii galuu akka dhaban garuu qaamoonni lamuu waan bal’inaan ibsan hin qaban. Kana irratti Sagalee Ameerikaa irraa Mitikkuu Fiqaaduu hayyoota lama dubbisuun waan qindeesse qaba.
Forum