Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti mariin marsaa lammataa geggeessame ba’ii milkaa’inaa malee xumuramuu isaatti gadduu isaanii namoonni naannoo Oromiyaa keessaa bakkawwan walitti-bu’insi gam lameenii itti geggeessamu jiraatan Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Mootummaan Federaalaa Itiyoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo mata mataatti ibsa baasaniin mariin sun milkaa’uu dhabuu isaaf inni tokko isa kaan itti gafatamaa taasisanii jiran. Hoogganaan IGAD, Dr. Warqinee Gabayyoo immoo gama isaaniitiin, karaa dubbi-himaa isaanii ibsa baasaniin garaleen lamaan dantaa uummata Itiyoophiyaaf jecha, deemsa araarichaaf agarsiisan akka hojiitti hiikan gaafatan.
Forum