Miseensonni mana Maree Bakka Bu'oota Ummata Itoophiyaa kan naannoo Oromiyaa godinaalee garaa garaa irraa filataman mariin mootummaa fi WBO gidduutti gaggeeffame ummataaf ifa ta'uu qaba jechuun gaafataniiru.
Marii kana ilaalchisuun kan sagaleen Ameerikaa haasofsiise miseensonni Mana-maree Bakka-bu’ootaa hagi tokko eega filatamanii as sababa rakkoo nageenyaatin bakka irraa filataman deemuu fi ummata isaan filate waliin mari’achuu akka hin dandeenye dubbatu. Miseensonni mana maree kun qaamoleen lamaan dhimmoota irratti waliif hin galle ifa godhan marii marsaa 3ffaa taasisuu qabu jechuun hubachiisaniiru.
Forum