Komishiniin mirga namooma Itiyoophiyaa ibsa sanbata darbe kana baaseen naannoo Tigiraay keessatti sababaa wal waraansa tureen ji’oota 18’ f miindaan hojjettootaa osoo hin kaffalamiin hafuun kaka’umsa hojjettootaa miidheera jedhe. Ibsa keessattis Komishinichi qorannoowwan manneen adabaa , waajiraalee Polisii fi dhaabbilee fayyaa keessatti taasisaa xumuruu isaa Daayireektarri dhimma qorannaa mirga namoomaa Salaamaawwiti Girmaay sagalee Ameerikaatti himaniiru. Akka qorannoo Komishiniichaatti hojjeettoonni mootummaa dhaabbilee sadan kana keessa jiran wayita waraanni sun deemsifama ture Ji’oota 18 f miindaan isaaniif kaffalamuu dhabuu isaatiin kakka’umsi isaan qaban gadi aanaa ta’uu mirkaneeffateera.
Itti dabaluunis wayita wal waraansaa sanatti dubartoonni fi shamarran jeequmsi saal quunnamtii irratti raawwatameeru hanga ammaatti yaala ga’aa fi gorsa xiinsammuu ga’aa hin argatiin jiraachuullee ifoomsera jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel Gebire Madihiinitu gaabase.
Forum