Waldaan omishtoota Bunaa Oromiyaa yeroo hedduu UNION jedhamee beekamu waggoota 25 dura miseessoota kuma 22 fi kaapitaala birrii itoophiyaa bara Sanaa kuma 800n ijaarame . Kaayyoon fudhate ka’ee keessaa tokkoo qonnaan bultotta omisha bunaarraa fayyaadamoo hin ta’in jiran haga tokko akka carraa gaarii argatanii fayyadamoo tahan taasisuun akkasumas bu’uralee misoomaa ummataaf barbaachisaan akka ijaaraman taasisuu ture.
Waldaan qonnaan bultoota omishtoota Bunaa oromiyaa kun amma waggaa 25 booda eessara jira? Kayyoo isaa kana galmaan gahee jiraa galmaan ga’aa jira? Nigusu Taamire hoogganoota Waldichaa keessa tokko kan ta’aan Obbo Salomoon Taadele akkasumas, qonnaan-bultoota bunaa waldicha irraa faayidaa argatan keessaa haga tokko dubbisuun qophii har’aaf qindeessee jira. Obbo Solomoon Taaddee, Waldaa Oomishtoota Bunaa Oromiyaa keessatti, daarekatara Damee “Marketing” Yokaan Dhaadhessa Gurgurtaa ti. Akkana jechuudhaan waa’ee waldichaa ibsan.
Forum