Bara omishaa darbetti hanqinni xaa’oo mudatee ture omisha keenya gad nu jalaa buuseera, jedhan, Godinaa Arsii, aangaa Loodee Hexoosaa keessa qonnan-bultoonni jiran. Aanaa Omisha midhaan biilaan beekamtu Loodee Heexosaatti kan imale odu-gabaasaa VOA’tti kan dubbatan qonnaan-bultoonni kunneen, omishi isaanii bara kanaa akkaan gad bu’uu irra taree, roobni yeroo malee barana roobe miidhaa guddaa omisharraan gahe jedhu. Bulchiinsi Aanichaa dhuguma hanqinni xaa’oo mudachuu himee, rakkoo kana hir’isuudhaaf mala garaa-garaatti akka fayyadamaa jiru dubbata. Biiroon Qonnaa Oromiyaa ammoo “hanqinni xaa’oo barana dhiibbaan omishaarratti fide hin jiru,” jedhan.
Forum