Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministirri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetis Dhimma Maqaa “Finfinnee” Ilaalchisee Mormii Ka’e Ilaalchisuun Deebii Kenne


Ministrii Haajaa Alaa Yunaaytid Isteetis
Ministrii Haajaa Alaa Yunaaytid Isteetis

Imbaasiin Ameerikaa Itiyoophiyaa jiru tibba darbe karaa fuula miidiyaa hawwaasaa ‘X’ fi ‘Facebook” irratti Afaan Oromoon beeksisa hojii baaserratti maqaa ‘Finfinnee’ jedhu fayyadamuu isaa hordofee xalayaaleen isa dhaqqabuu ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi har’a beeksiisee jira.

Dubbii himaan ministira haajaa alaa gaaffii Sgaleen Ameerikaa gaafateef deebii kennaniin, Imbaasiin Ameerikaa Itiyoophiyaa jiru Afaan ilaalchisee heeraa fi seerota biyyattii akka kabaju ibsaniiru. Itti dabaluunis tajaajilli waajirri Qonsilichaa kennuu fi tartiibni dippiloomaasii gama danda’ameen Uummata bal’aa Itiyoophiyaa , dhaggeeffattootaa fi daawwattoota biraan ga’uu dhaaf akkuma Addunyaa biraatti taasifinu miidiyaa dijiitaalaa fayyadamuu itti fufnas jedhaniiru. Qaama tattaaffii kanaa kan ta’een Gaafa sadaasa 12 irraa eegalee Imbaasichi tajaajila Qonsilaa lammiilee Itiyoophiyaatti beeksiisuuf duulli jalqabamuus ibsaniiru dubbii himaan kun. Ergaawwan Suur-sagalee ykn Viidiyoo Afaanoota Ingiiffaa, Amaariffaa, Afaan Oromoo , Somaaliffaa, Tigiriffaa fi Afaan Somaaliin hojjechuu isaas ibsaniiru. Dhimma kana kan ilaaleenis xalayaaleen isa qaqqabuu kan ibsan dubbi himaan ministrii haajaa alaa karaa hojimaata dippiloomaasii beekamaa ta’een keessumeeffamaa jiras jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG