Mootummaan Ityoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo Marii nagaa buusuu marsaa lammaffaa torban lamaa oliif biyya Taanzaaniyaa keessatti taasisanii akkaataa nageenya buusuu irratti waliigaluu dhabuu irratti waliigalanii addaan erga bahanii booda, akka mariin marsaa biraa itti fufu dhabileen hawaasa Oromoo adda addaa gaafachaa jiru. Isaan keessaa tokko kan ta’e Manni maree waldaalee amantaa oromoo idilee adduunyaa, mootummaa Ityoophiyaa fi WBO dhaaf akkasumas, hawaasalee adduunyaa, fi mootumootaaf waamicha diheessudhaan Ibsaa baasee jira. Manni maree kun kan dhaabbate Amantaalee gidduutti waliti dhufeenya jabeesuudhaaf, dhimmaa nageenyaa fi dinagdee irratti waliin dhaabbachuudhaaf wagga afuriin dura akka dhaabbate Prezidaantiin mana marichaa Lubni Temesgen Indashawu nutti himanii jiru.
Forum