Dhaabbanni sadarkaa Liqaa biyyootaa madaalu Kan Feech Reetings jedhamuun beekamu teessoon isaa Niwuuyoork tahe tibba darbe sadarkaa liqaa Itiyoophiyaa baaseen kan aamaan dura CCC’irra turte Itiyoophiyaan gara CCC- tti gadi bu’uu ishee ifa godhee ture. Itiyoophiyaan gama isheen dhaabbileen liqeessitootaa kaffaltii liqaa irra jiruuf yeroo boqonnaa akka kennaniif gaafattee turtii waggaa tokkoof yeroon boqonnaa akka kennameef baankiin biyyaaleessaa Ityoophiyaa beeksiisera. Dhimma kanarratti ogeessota diinagadee lama gaafachuun Mitikkuu Fiqaaduu waan qindeesse qaba.
Forum