Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Beelaa Hamaan Sudaaniin Akka Mudachuuf Jiru Sagantaan Nyaata Addunyaa Akeekkachiise


FAAYILII: Asxaa sgantaa nyaata addunyaa
FAAYILII: Asxaa sgantaa nyaata addunyaa

Sudaan keessatti beellii hamaan mudachuun kan isa yaaddeesse ta’u Sagantaan Nyaata Addunyaa akeekkachisee jira. Sababaa waldhabdeen ji’ootaaf gaggeeffame, gatiin nyaataa olka’aa deemuu fi oomishni midhaanii argamuu gadi bu’uu isaan, lakkoobsii namoota nyaata gahaa dhabanii dabalaa dhufe jechuun dhaabbati kun har’a beeksisee.

Yeroo midhaan sassaabbiin amma jiru kana keessatti, lakkoofsi namoota beela’anii lakkoobsaan sadarkaa olaanaa ga’u kan ibsee sagantaan Nyaata Addunyaa, kun ammaan dura kan hin baratamnee ta’u fi Silaa ji’oota kana keessaa dhiyeessiin nyaataa akka waliigalaatti, sadarkaa olaanaa irra jiraachuutu qaba ture jedha.

Gargaarsi nyaataa guddaan hin argamuu taanaan, naannoleen walitti bu’iinsaan baay’ee miidhaman keessatti baatii Caamsaa dhufutti “beela balaa guddaa dhaqqabsisuutu” mudachuu akka danda’uu dhaabatii kun akeekkachiiseera.

“Balaa beela dhufu hambisuuf qaamoleen wal waraansa keessaa harka qaban hundinuu dhukaasa dhaabuun, gargaarsa namoomaa akka dhaqqabu gochuu kunis daangeeffama tokko malee akka argatan hatattamaan waamicha goona,” jechuun Sudaaniitti Daarekteeraa fi bakka bu’an sagantaa nyaata addunyaa Eedi Roow ibsa baasaniin hubachiisan.

“Jireenyi namaa isa irratti hundaa’a jedhanii, ta’us namoonni naannoo sochii waraanaa jiru qabu keessatti qabaman baay’eedha, Yoo ni danda’ama ta’eef garu, yeroo tokko tokko qofa dhaqqabuu dandeenya jedhan.”

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG