Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Bakkawwan Adda Addatti Lola Humnoota Mootummaa fi WBO Gidduutti Taasisamaa Jiruun Namoonni Nagaan Miidhamaa Jiru, Jedhu Jiraattonni


Oromiyaa Bakkawwan Adda Addatti Lola Humnoota Mootummaa fi WBO Gidduutti Taasisamaa Jiruun Namoonni Nagaan Miidhamaa Jiru, Jedhu Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:27 0:00

Oromiyaa Bakkawwan Adda Addatti Lola Humnoota Mootummaa fi WBO Gidduutti Taasisamaa Jiruun Namoonni Nagaan Miidhamaa Jiru, Jedhu Jiraattonni

Naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa dhihaa, naalee Qondaalaa fi Begii keessatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti yeroo wal-waraansi deemsisamu namoonni nagaan ajjeesamuu jiraattonni bakkawwan sanaa Sagalee Amerikaatti himanii jiru. Ajjeechaa kana kanneen raaw’atanis humnoota motummaa akka tahanitti dubbatan, jiraattonni.

Kana ilaalchisee qaamota mootummaa irraas tahe Waraana Bilisummaa Oromoo irraa har’aaf deebii argachuu hin dandeenye. Torban dabre keessa garuu, dubbi-himaan mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Hayiluu Addunyaa himannaa wal-fakkaataaf deebii kennaniin, “kan gochaalee akkanaa raaw’atu humnoota mootummaa otuu hin taane, hidhattota. Waraanni Mootummaa hidhattoota “Shanee” fi seelii irratti tarkaanfii fudhataa jira.” Jedhanii jiran. Waraanni Bilisummaa Oromoos, ammaan dura, himannaa gama mootummaatii irratti dhihaatu kana decdeebisee “dhara” jechuun haalaa ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG