Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Garee Hidhattootaa Hutii Yemen Keessaa Doonii Amerikaatti Akka Dhukaasu Dhaadate


Yemeni Shi'ite Houthi movement leader Abdel-Malek al-Houthi, whose fighters seized the presidential palace, delivers a televised statement from an undisclosed location in the Saada governorate, northwest Yemen, Jan. 20, 2015.
Yemeni Shi'ite Houthi movement leader Abdel-Malek al-Houthi, whose fighters seized the presidential palace, delivers a televised statement from an undisclosed location in the Saada governorate, northwest Yemen, Jan. 20, 2015.

Hogganaan garee Huutti Abdel Maaleek al- Huutti Roobii kaleessa asaa televijiiniidhaan taasisaniin akka ibsanitii, galaana Diimaa irratti haleellaa gareen isaanii dooniiwwan irratti taasisaa jirun kan ka’e dooniin warana Yunaayitid Isteets yoo deebii kenuu yaala ta’e akka callisanii hin ilaaleefi dooniwwan sana akka rukutan beeksisaniiru.

Hogganichii akka dabalanii jedhaniitti Amerikaa dabalatee aggaammii haleellaa biyya isaanii irratti raawwatuuf misaa’elaan, dirooniidhaa fi waraanaan deebii akka kennan dhaadataniiru.

Gareen Huutti inni mootummaa Iraaniin akka deggeramuu himamu, dhiheenyaa kana haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti taasisaa jirtuuf deebii kenuudhaaf yaada jedhuun, dooniiwwan daladalaa galaana Diimaa irraa qaxxaamuraa turan irratti haleellaa misaa’aelaa fi Xiyyaara nam-malee ykn Diroonii taasisa kan turee yemuu ta’u, torban kana keessa haleellaa garee kanaan taasifamaa jiru dura dhaabbachuudhaaf tumsii idilee adduunyaa ijaaramuun isaa beekameera.

Tumisii kaka’umsa nageenyaa waashingtooniin dursamuu fi biyyoottan 10 caalaan isaanii wareen miseensota Nato ta’an of keessa qabu,galaana diimaa irratti too’anna taasisuudhaan haleellaa garee Huutii irraa taasifamaa jiruuf deebii kennuuf dhaabbachuun isaa ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG