Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Walqixxee fi Ollaa Isheetti Hookkara Onkoloolessaa Dabree Kaasee Deemsisamaa Tureen Namoonni  4 Du’uunii fi 114 Madaa’uun Himame  


GODINA GURAAGEE
GODINA GURAAGEE

Naannoo giddu-galeessa Itiyoophiyaatti walitti-bu’insa Onkoloolessa 13, bara 2023 jiraattota magaalaa Walqixxee fi ka aanaa addaa ollaa sanaa Qabbeenaa gidduutti uumame hordofee, namoonni afur ajjeesamuu fi kanneen biroon 114 tahan madaa’uu, akkasumas qabeenyaan namoota dhuunfaa manca’uu, Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa gabaasaa tibbana baaseen beeksisee jira.

Namoota hookkara sana hirmaatanii fi miidhaa dhaqqabe qulqulleeffachuudhaan, itti gaafatamummaan kanneen gochaa sana raaw’atanii akka mirkaneessamu – waamicha dhiheesse, Koomishinichi. Jiraattota hedduu, ammaaf lakkoobsi isaanii hin beekamiin sababaa hookkarichaan manaa fi qehee ofii irraa buqqa’aniifis akka gargaarsi taasisamu gaafatee jira.

Hookkarri uumamee fi miidhaan dhaqqabe akka qoratamuuf iyyannaa jiraattonni dhiheessan irraa ka’uudhaan akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Onkoloolessa 25 fi 26 bakka sanatti qaamaan argamuudhaan qorannaa akka geggeesse kan eere Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, kanneen miidhaan irra gahe, akkasumas aangawota bulchiinsa godinaa Guraaree, ka magaalaa Wal-qixxee fi kan aanaa addaa Qabbennaa – akkasumas, hoogganoota amantii fi jaarsolii biyyaa waliin dubbatee, ragaalee walitti-qabachuu isaa dubbata.

Rakkoo nageenyaa uumame kanaaf ittiiin ka’insa ka tahe, jiraattonni sab-lammii Qabbaenaa tahan eega akka godinaa addaatti caaseffamanii booda, magaalaan aanichaa Walqixxee haa tahuu fi hin ta’uu irratti wal-mormiin uumame daran ho’ee gara hookkaraatti cehuu isaa akka tahellee gabaasaa isaa keessatti beeksisee jira.

Qajeelchi murtii haqaa godinaa Guraagee, mootummaan namoota polisiin hookkara kanatti shakkuun to’annaa jala oolchuudhaan qorannaa akka geggeessaa jiru Sagalee Ameerikaaf kan ibse yoo tahu namoonni to’annaa jala oolfaman meeqa akka tahan himuu irraa of qusatee jira – jedha – gabaasaan Yunaataan Zebdiyoos Hawaasaa irraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG