Weellisaa Surraa Taakkelee, Gosa Muuziqaa Hip Hop Afaan oromootiin weellisa. Erga Hojii muuziqaa keessa guutummaan seenee waggootiin shan kan dubbatu Surraan, albemii muuziqaa Hip Hop ‘Booree’ jedhuu fi dhiyeenya immoo dhimma Hawaas-diinagdee naannoo Oromiyaarratti xiyyeeffata kan jedhe viidiyoo muuziqaa ‘Ni danda’ama’ jedhu Meetii Saaqqataa waliin dhaggeeffatootaan gaheera.
Gosti muuziqaa Hip Hop kan dhaamsa jabaan ittiin dabarfamuu dha kan jedhu, Surraan, ammas guddina muuziqaa kanaaf akka itti fufee hojjetaa jiru dubbata. Qindeessaa muuziqaa fi ogeessa waraabbii sinimaa yokaan “Cinemagrapher” kan ta’e King Raagoos dhimma kanaratti Sagalee Ameerikaa waliin dubbatee jira.
Forum