Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa'el Hogganaa Olaanaa Hamaas Eega Ajjeestee Booda Humna Qilleensaan Gaazaa Rukutte


FAAYILII: Loltoonni Israa'el daangaa Israa'el kan Gaazaa irraa ennaa Mortaara dhukaasan
Amajjii. 3, 2024.
FAAYILII: Loltoonni Israa'el daangaa Israa'el kan Gaazaa irraa ennaa Mortaara dhukaasan Amajjii. 3, 2024.

Israa’el Roobii har’a haleellaa qilleensaa irraa haaraa, Gaazaa keessatti kan gaggeessite yoo ta’u, waraanni Israa’el haleellaa garee hidhattoota Libaanan Hizbullaah irraan dhaqqabuuf, of eeggannoo olaanaa irra akka jiru ibseera. Kunis haleellaa diroonii Beerut keessatti qondaala olaanaa Hamaas ajjeese hordofeetu.

Hamaas fi qondaaltonni nageenyaa naannoo sanaa haleellaa Saaleh al-Arouri ajjeese sanaaf,diroonii Israa’eel waliin walqabsiisaniiru.

Hizbullaah -- akkuma garee hidhattoota Haamaas Iraaniin kan deeggaramuu fi Ameerikaan akka dhaabbata shororkeessummaatti moggaafamee dha.Gareen kun, erga waraanni Israa’el fi Hamas Onkoloolessa keessa ka’ee as daangaa Israa’el gama kaabaa qaxxaamuree rookkeettii dhukaasaa jira.

Hogganaan Hizbullah Hasan Nasrallah Roobii har’a waaree booda haasawaa taasisuu qaba ture.

Arouriin politburo Hamas keessatti qondaala olaanaa ta’uun kan hojjetan yoo ta’u, hundeessitoota kutaa waraanaa Birgeedii Qassam kan Onkoloolessa 7 Israa’el keessatti haleellaa rifachiisaa lubbuu namaa galaafate kana raawwate keessaa tokko yoo ta’u, Ameerikaan bara darbe odeeffannoo waa’ee isaa nama kenneef Badhaasa Doolaara Miliyoona 5 akka kennitu beeksiiftee turte.

Waraanni Israa’el du’a Arouri ilaalchisee waan gabaafame irratti yaada kennuu diddee jirti.

Hizbullaah ibsa baaseen, ''yakki rawwatamee kun, deebii malee ykn adaba malee adabamin hin hafu'' jechuun ''adeemsa waraanaa keessatti tarkaanfii balaa qabu'' jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG