Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaara Keessatti Rakkoo Nageenyaan Karaawwan Waan Cufumaniif Jiraattonni Ayyaanaaf Maatii Isaanii Arguu Akka Hin Danda’iin Dubbatu


NAANNOO AMAARAA
NAANNOO AMAARAA

Sagaleen Amerikaa kan haasofsiisee jiraattonni magaala Finfinnee nammoo Amaaraa keessaa froottan qaban akka ibsaniitti, lola bara darbe jalqabameen kan ka’ee yeroo lammafaadhaaf Ayyaana Qillee fi ayyaanaa Cuuphaa maatiiwan isaanii wajjin kabajuu hin dandeenye.

Kanaan dura Ayyaanaa wagga maatiiwan ishee godina Goojjama bahaa magaalaa Amaanu’eel keessa jiranuu wajjin akka dabarsituu kan ibsetee baratuun Koleejii Zoomaa Luulee, karaan isheen gara maatiitti irraa deemtuu sababa nageenyaatiif jechaa waan cufamee jiruuf gara maatii ishee akka dhaquu hin dandeenyee himtee jirti.

Shamareen biraa Selaamaawiiti Yemaane jedhamtuufi mattii ishee magaala Debre Maarqoos keessa jiranuu wajjin wal arguu akka hin dandeenye sagalee Amerikaatti himtee jirti.

Jiraattuu magaala Gondor kan turaniifi erga walitibu’insii umamee boodaa Ijoolee isaanii Afurii wajjin gara Finfinneeti kan baqatan haatii maqaan isaanii akka hin dhahamnee gaafatan ergaa magaalaa isaanii keesaa bahanii boodaa deebi’anii maatii isaanii wajjin Ayyaana kabajuu akka hin dandeenyee himaniiru.

Halli nageenyaa naannicha keessaa jiru akka daandiiwan guutumaatti ykn amma tokkoo cufaman waan taasiseef wanneen ayyaanaa fi jireenyaa barbaachisaa ta’an akka ummataa hin qaqqabne tasisee akka jiruuf qaala’insii gatiis rakkisaa ta’uu isaa jirrattonni biroo Sagalee Amerikaati himanii jiru.

Dhimmaa kana irrattii sagaleen Amerikaa kan haasofsiise prezidaantiin waldaa geejiba Ityoophiyaa Obbo Birhaanee Zeruu rakkina nageenyaatiin kan ka’ee, keessumaa garaa godinaalee Goojamitti karaan geessu akka banaa hin taane ibsaniiru.

Mootummaan bulchiinsa naannoo Amhaaraa dhiheenyaa kana ibsaa kenneen namootan ayyaana waggaatiif garaa naannoo Amaaratti imalanuuf tajaajila geejibaa mijeesuudhaaf akka hojachaa jiru beeksisuu isaa Gabaasnii Asteer misgaanahu ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG