Erga walwaraansii umnoottan Sudaan gidduutti taasifamaa jiru wagga darbe ji’a Ebilaa keessa jalqabee as yeroo jalqabaatiif biyyoottan Afrikaa tibbana kana kan daawwatan ajajaan umna dafee qaqqabaa ykn “RSF” jedhamee beekamuu Jeeneraaal Mohaamad Hamdaan Dagaloo kamisa kaleessaa yemuu Afrikaa kibbaa daawwatan gareen isaanii dhukaasa dhaabuudhaaf akka fedhii qabu himanii jiru.
Marii prezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoozaa wajjin magaala Piritooriyaa keessatti taasisan erga xumuranii boodaa lola dhaabuudhaaf kutannoo akka qaban kan dubbatan Mohaamad Hamdaan Dagaaloo yoomii fi eessaatti akka hoggaanaa garee waliin lolaa jiranuu Jeeneraal Abdul Faattaa Burhaanii wajjin wal arganii marii taasisan hin ibsine.
Gareewwan lammaan fuulleetti wal arganii maryachuudhaaf walgahii garee biyyoottan baha Afrikaa ykn IGAD ji’a darbe keessaa taasifamee irratti beeksisuun isaanii ni yaadatama.
Jeeneraal Haamdaan Dagaaloo Afrikaa kibbaatii alatti dhiheenyaa kana Ugaandaa, Ityoophiyaa,Jibuutii fi keenyaa daawwatanii jiru.
Daawwaanna jeeneralichii Keeniyaa keessatti taasisanii fi marii isaan Prezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo wajjin taasisan irratti kan hin gammanne mootummaan jeeneraal Abdul fataah Burhaanii ambaasadara biyyatti gaafiidhaaf Naayiroobii jiran garaa kaartuumitti waamuun isaan beekameera.
Garee jeeneeraal Dagaaloo yakka waraanaatiin kan himatu mootummaan Burhaanii jeeneraalichaa affeeruun sadarkaa adduunyaatii beekumtii kenuufii akka ta’e ibsuudhaan simannaa keeniyaan taasifte mormee jira. Keeniyaan garuu araara buusuudhaaf gareewwan lammanuu wajjin akka walquunnamtuu ibsitee jirti.
Ministeerii dhimma alaa yunaayitid Isteets walwaraansa gareewwan lamman taasisaa jiranuun yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa raawachuu isaanii kan ibsee yemmuu ta’au, walwaraansaa Kanaan amma ammaatti namoottan kuma 12 ol ta’an du’anii, kanneen miiliyoonii Torbaa ol ta’an immoo jireenyaa isaanii irraa buqqa’uun isaanii gabaasamaa jira.
Forum