Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Naga-Eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa Akka Gareen Hutii Haleellaa Galaana Diimaa Irratti Geggeessu Dhaabu Gaafate


Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa
Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa

Manni maree nageenyaa dhaabbata mootumoota gamtoomani gareen biyya yemen keessa socho’u Huttin haleellaa bidruuwwan galaana diimaa irra imalan irratti raawwachaa jiru akka dhaabu gaafatee jira.

Seerri Yunaayitid Isteets fi Jaappaniin qophaa’ee mana maree nageenyaa ti dhihaate kun gareen huutti akka haleelichaa atattamaan dhaabu, tarkaanfii daldala adduunyaa daanqessu akka hin fudhanee fi walabummaadhaaf mirga galaana irraa imaluu akka kabajuu qabu kan gaafatuudha.

Miseensonni mana marichaa 15 seeriichaa kan degeran yemmuu ta’u biyyi morme hin jiru. Haata’u malee, Raashaan, Chaayinaan, Aljeeriyaani fi Moozaambiik sagalee kennuu irraa of qusataniiru.

Dhaabata mootumoota gamtoomanitti bakkaa buutuu mootummaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Ambaasaader Liindaa Toomaas Giriin Fiild dhimmichaa ilaachisuudhaan yaada kennaniin,

“Huttiin haleellaa isaa akka dhaabu gaafachuun keenyaa itti fufnee osoo jirruu, Iraan yeroo dheeraaf haleellaan kun akka raawwatu gargaaruu ishee bira darbuu hin qabnu” jedhaniiru.

Akka ambaasader Toomaas dabalani jedhanitti, deeggarsa Iraan malee Huutiin dooniiwwan daldalaa daandii doonii Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessa deeman irratti haleellaa bu'a qabeessa ta'ee hin raawatuu turee” jedhaniiru.

Gareen huttii haleellaa kana kan raawwachaa jiru, saba Palastaayiniini degeruudhaan dooniwwan gara Israa’elitii imalan midhuudhaaf akka ta’ee ibsus, dooniiwwaan biyyoottan 40 wareen dhimmaa Israa’elii waajin hidhata hin qabnee irrattis haleellaa raawachuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG