Motuummaan Tarkii masjiida Alnajjashii kan naannoo Tigiraayitti wayita wal waraansaa miidhaan irra ga’ee ture deebisee haroomsuuf gaaffii dhiyyeessera jedhe Abbaan Taayitaa eegumsa hambaalaa Itiyoophiyaa. Hoogganaan Abbaa Taayitaa eegumsa Hambaalee Itiyoophiyaa Abebaw Ayaaleew Sagalee Ameerikaatti akka himanitti gaafii gama Mootummaa Tarkiin dhiyyaate irratti mootummaa Federaalaa fi kan naannoo waliin mariirra akka jiranii fi miidhaa Masjiidicha ga’eeru kan ilaaleenis gama waajjira isaaniin qorannoon taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Masjiida kanaan alattis wayita wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa kanatti miidhaawwan hambaalee dhaabbatoo fi socho’an irrratti dhaqqabaniiran irratti manni hoji isaanii qorannaa gaggeessaa jiraachuu himaniiru Ababawu Ayyaaleew jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Atibahaa gabaasee jira.
Mootummaan Tarkii Masjiida Al-Najaashii Ka Yeroo Wal-Waraansa Tigraay Keessaa Miidhame Haaressuuf Gaafate
- VOA
Forum