Humnoonni waraanaa Israa’eel halleellaa qilleensarraa haaraa Gaazaa bakkoota garaa garaatti fudhataniiru. Ministirri fayyaa garee Hamaasiin hoogganamu ibsa wiixata har’aa baaseenimmoo halleellaa gama Israa’eeliin guyyoota darban kanatti fudhamaniin namoonni 130 ajjeeffamaniiru jedhe.
Humni waraanaa Israa’eel wiixata kana Ibsa baaseen Gaazaa gama Kaabaa wayita sakkata’insa turett loltoota Hamaas Shan kanneen meesha waraanaa dhukaasan ajjesuu isaa ibse.Halleellaa humna lafoo fi qilleensarraan fudhachaa tureenis Gaazaa gama Kibbaa naannoo Kihaan Yuunis keessatti bakka kuufama meeshaalee waraanaa Hamaas barbadeesseeras jedhe.
Ministirri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin hoogganamu Ibsa Wiixata har’aa baaseen halleellaa Isr’eel fudhachaa jirtuun lammiilen Paaleestiin 24,100 ajjeefamuu fi kanneen Kuma Jahaatama ta’animmoo madaa’uu isaanii ifoomseera.
Gaafa Onkoloolessa 7, bara 2023 gareen Hamaas Israa’eel gama Kibbaatti halleellaa Shororkeessummaa fudhataniin lammiileen Israa’eel 1,200 du’uu fi kanneen 240 ta’animmoo butamanii fudhatamuu hordofee tarkaanfii fudhachuu kan jalqabde. Wal waraansi Israa’eelii fi Hamaas gidduu erga jalqabee kaasee amma guyyoota Dhibba tokko guuteera.
Forum