Itiyoophiyaa keessa lafa dullii waraanaa gaggeeffameetti, Dhukaatonni lafa keessa jiran akkasumas kanneen hin dhoohiin jiran, namoota nagaa lubbuu galaafataa akkasumas, qonnaan bultoonni gara hojii isaanti akka hin deebinee danqee walii galaan soda uumee jira.
Dhimma kana furuuf Embaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru keessatti Waajjira Tumsa Nageenyaa akkasumas, Ministeerri Ittisaakan Ameerikaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi Waajjira dhimmi kun isa ilaallatu kan Itoophiyaa (waliin Guraandhala 15 BARA 2024 tumsa seena qabeessa tolfatan eegalanii jiru.
Meeshaalee, leenjii, fi qabeenya qorannoo gaggeeffamuu kun, meeshaa waraanaa hin dhoohin jiran Itoophiyaa keessatti adda baasuuf akkasumas geejjibsiisuun ykn hojii guuruu, ji’oota jahan dhufan keessatti ni eegala.
Embaasichi galmi dhumaa qorannichaa nageenya siiviiootaa fi oomishtummaa qonnaa biyyattii fooyyessuu akka ta’e ibseera.
Waggoota 120f Ameerikaa fi Itiyoophiyaan fayyaa fi barnoota, qonnaa fi wabii nyaataa, saayinsii fi qilleensa naannoo, nageenya, fi dameewwan biroo hedduu irratti walta’uun, jireenya lammiilee Itoophiyaa hundaa fooyyessanii jiru jedhamee jira.
Forum