Akka lakkoobsa Itiyoophiyaa Muddee 22 bara 2016 Somaaliilaandii fi Itiyoophiyaa gidduutti kan mallatteeffame walii galtee ulaa galaanaatti Aansee wal dhabdee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu hammaataa deemuu iloaalchisee Roobii kaleessaa manni maree nageenya gamtaa Afriikaa, mootummonni lamaan ibsa miiraan guutame baasuu irraa of qusatanii muddama jiru akka tasgabbeessan gaafatee jira.
Akkasumas mootummoota lamaan gidduutti mariin akka jalqabamuuf jila gabaasa walitti aandu dhiyeessu kan ramadu ta’uu isaa kan ibse manni maree nageenya gamtichaa, gamtichatti bakka bu’aa gaanfa Afrikaa kan ta’an prezidaantii Naayijeeriyaa duraanii Oluusheeguun Obaasaanjoo maqaa dha’ee jira.
Itiyoophiyaa fi dabalatee Abbaa biyyummaa biyyoota miseensota ta’an maraaf deggersaa fi cicha qabu ka mirkaneessu ta’uu illee beeksisee jira.
Gama biraatiin Itiyoophiyaan walii galtee ulaa galaanaa Somaalii land waliin irra geesse yoo haqxe malee marii isa kamiif iyyuu bakka akka hin qabaanne kamisa har’aa beeksiste.
Ulaa galaanaa kan hin qabaanne Itiyooophiyaan baatii darbe walii galtee erga mallatteessitee booda Gaanfa Afriikaa keessa muddamni jiru hammaateera. Ministriin haajaa alaa biyyattii fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti mul’inatti ibsa maxxanseen walii galteen kun hanga hafutti akkasumas Itiyoophiyaan Abbaa biyyummaa Somaaliyaa hanga hin mirkaneessinetti mariin tokko iyyuu hin jiru jedhee jira.
Forum