Oromoon gammachuu fi gadda, quuqqaa, gaabbii, gootummaa fi kanneen biroo karaa geerarsaa, sirbaa fi weedduulee aadaatiin ibsachuun waan baratame. Keessumamaa Oromoon Salaalee, kan Shawaa Kaabbaattti yeroo ayyaana waggaa addaa addaa waggaa waggaatti dhufaniii kanneen akka ayyaana cuupphaa, dirree ayyaanichaa akka waltajiitti fayyadamuun waan itti dhagahamu yokaan wantoota naannoo isaatti mul’atan ilaalchisee sirbaa fi geerarsaan yaada isaa ibsata. Kanneen dhimma bal’inaan qoratanii fi beekan - namoota lama dubbisnee jirra.
Forum