Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministirri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetsi Antoonii Biliinkeen daawwannaa dippiloomaasiif Gara Afriikaatti Qajeelan


Ministirri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetsi Antoonii Biliinkeen daawwannaa dippiloomaasiif Gara Afriikaatti Qajeelan
Ministirri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetsi Antoonii Biliinkeen daawwannaa dippiloomaasiif Gara Afriikaatti Qajeelan

Antonii Biliinkeen Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi wiixata har’aa imala gara biyyoota Afiriikaatti taasisaniin hojii dippiiloomaasii ol anaaf muummicha ministiraa Keeppi Vardee Yuulisees Koreeyiyaa Ii Siilvaa waliin wal argu. Biliinkeen daawwannaa isaanii keessatti Portoo Daa paariyaa kan Yuunaayitid Isteetsi irraa fandii argachuun bulchiinsa ishee yeroo bar kumeerraa kaasee Malaamaltummaan rakkoo keessaa seentee ture sanas ni daawwatu. Wal dorgommii Kubbaa miillaa Waancaa Afirikaarratti argamuunis tapha Ivoorii Kostii fi Ikkuwaatooriyaal Giinii gidduutti taasifamus ni daawwatu.

Dubbi himaan ministira haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Maatiiwuu Muuleer ibsa kennaniin daawwannaan Biliinkan Invastimaantii Yuunaayitid Isteetsi Afiriikaa keessatti bu’uuraalee misoomaa akka daldala biyyoota lamaanii guddisuu, carraa hojii uumuu fi Afirikaan gabaa Addunyaa irratti dorgomaa akka taatuuf gargaaruu kan cimsu ta’uu himaniiru.

Daawwaannaan Biliinkeen alanaa Keeppi verdeen alattis Ayiivoorii koost, Naayijeeriyaa fi Agoolaas dabalata jedhameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG