Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Marsaa Haaraa Kan Lola Dhaabinsaa Karoorfamee Ennaa Jirutti Loltoonni Israa’el Gaazaa Irratti Haleellaa Geggeessan    


Faayilii; Kahaan Yuunis kan Gaazaa Gama Kibbaa Amajjii 24,2024 Haleellaan Israa'el Irratti Raawwatame (Photo by AFP)
Faayilii; Kahaan Yuunis kan Gaazaa Gama Kibbaa Amajjii 24,2024 Haleellaan Israa'el Irratti Raawwatame (Photo by AFP)

Israa’el loltoonni ishee Gaazaa Kaaba, giddu galeessaa fi kibba keessatti haleellaa qilleensaaf lafoo raawwachuu isaanii Roobii har’aa kan ibsite yoo ta’u, muummichi barreessaan Tokkummaa mootummootaa immoo dhiibbaa hamaa inni siivilota irraan ga’uu danda’u ilaalchisee akeekkachiisaniiru. Jilli Yunaayitid Isteetis immoo lola dhaabiinsi yeroo akka tolfamu mari’achuuf gara naannoo saaatti imalanii jiran.

Tarkaanfiin waraanaa kibba Gaazaatti kan argamtu magaalaa Kahaan Yoonisiin kan of keessatti qabu yoo ta’u, torbanniin dhiyoo as naannoo lolli itti hammaatee fi Israa’elis naannoo sanatti marsuu ishee ibsitee jirti.

Waraanni Israa’el namoonni Khaan Yoonis gama kaabaa hanga tokko keessa jiraatan gamasii akka ba’an akeekkachiistee jirti. Ajaji boodanaa kun Israa’el siivilota lola irraa eeguuf jecha jetti. Haa ta’u malee waraanni sun gara kibbaatti siqaa waan adeemuuf uummati martinuu q’ee isaanii dhiisanii yoo ba’an, naannoo amansiisaa siivilonni keessa dahatan xiqaachaa adeemee jira.

Waajjirri qindeessa dhimmootii namooaa kan Tokkummaa mootummootaa akka ibsetti, ajaje qe’ee ofii dhiisanii akka ba’an kenname kun naannoo uummati 88,000 keessa jiraatu irraan dhiibbaa kan geessise yoo ta’u, uummati 425,000 ta’u manneen barnootaa fi bakka biroo keessa dahatee jira. Naannoon sun dugdee Gaazaa keessaa hospitaalota yeroo ammaa hojii irra jiran dhibba irraa harka 20 ta’antu keessa jedha dhaabbatichi Tokkummaa mootummootaa kun.

Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteresh gola naga eegumsaaf ibsa kennaniin uummati Gaazaa seenaa yeroo dhiyoo keessa haala hin barataminiin hatattamaan dhabamaa jira jedhan. White House Kibxata kaleessaa akka ibsetti jilli dhimmootii giddu galeessa bahaa Bret Makgurk, iggitamtoota Gaazaa keessa jiran gad dhiisisuu akkasmas hidhamttoota Faalisxiin kanneen Israa’eliin qabaman hiiksiisuu mala of keessaa qabu ilaalchisee mar’achuuf Kaayirootti argamu.

Dubbi himaan nageenya biyyoolessaa Joon Kerbii gaazixeessotaaf ibsa kennaniin mariin sun marii cimaa walii galtee iggitamtoota itti dabalaa gad dhiisisuu ti jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG