Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallagga Lixaa, Ganda Toleetti Haleellaa Raaw'atamee Tureen Buqqa'anii Naannoo Amaaraa Kanneen Qubatan Deebisuuf Haalli Miijessamuun Ibsame


Wallagga Lixaa, Ganda Toleetti Haleellaa Raaw'atamee Tureen Buqqa'anii Naannoo Amaaraa Kanneen Qubatan Deebisuuf Haalli Miijessamuun Ibsame
Wallagga Lixaa, Ganda Toleetti Haleellaa Raaw'atamee Tureen Buqqa'anii Naannoo Amaaraa Kanneen Qubatan Deebisuuf Haalli Miijessamuun Ibsame

Godina Wallaggaa lixaa , ganda Toleetti kanaan dura walitti bu’insa uumaamee tureen lubbuun namoota 400 darbuuf sababa kan tureefi kanneen haleellaa sana baqachuun gara naannoo Amaaraatti godananii turan gara qe’ee isaaniitti deebisuuf haalli mijachuu Angawaoonni mootummaa beeksisan.

Naannoo Oromiyaa Godinaalee wallaggaa lixaa, fi bahaa irraa sababoota walitti bu’insaan qe’ee isaaniirraa buqqa’uun namoonni naannoo Amahaara keessa qubatanii jiran manoonni isaanii jalaa gubateeru ijaaramuu fi kanneen kaanis suphaamuun akkasumas haalli nageenya naannoo sanaas gara tasgabbiitti waan deebi’eeruuf gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif hojjechaa Angawoonni sagalee Ameerikaatti himaniiru. Manoota ijaaraman jedhaman kanneenis Angawoonni Mootummaa Itiyoophiyaa kan Federaalaa fi Naannoolee deemanii daawwachuu ibsaniiru.

Bulchiinsa Mootummaa naannoo Amhaaraati itti aanaa dubbii himaa kan ta’an obbo Wandiwasen Leggesee sagalee Ameerikaatti akka himanitti hooggantoonni naannoolee Oromiyaa fi Amahaaraa ji’oota lama dura waliin dubbii jalqabaniin buqqaatoota Aanaa Tolee dabalatee gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif hojiin hojjetamuu ibsanii , Angawoonni naannoo Amhaaraas bakicha deemuun daawwannaa taasisuu isaanii ibsaniiru.

Godina wallaggaa lixaa Anaa toleetti gaafa Waxabajjii 11, bara 2014 halleellaa namoota nagaarratti fudhatameen lubbuun namoota 400 darbuu kan gabaasee ture Adhaabni mirga dhala naamaaf falmu Ameenist Inteernaashinaal, Mootummaan Itiyoophiyaa immoo lubbuun namoota nagaa 338 darbauu yeroo sanatti ibseera. Haleellaa namoota nagaa kanarratti raawwatamee tureef Mootummaa fi dhaabbileen mirga namoomaa waraana Bilisummaa Oromootti quba yommuu qaban waraanni bilisummaa Oromoo immoo gama isaan gochicha akka hin raawwanne haaluun isaa ni yaadatama.

Namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’anii naannoo Amhaaraa buufata da’annoo keessa jiran tokko tokko garuu qe’ee isaanii duraatti deebi’uuf ammayyuu haalli nageenyaa jiru amansiisaa waan hin taaneef deebi’uu akka hin barbaadne Sagalee Ameerikaatti himaniiru. Sodaa nageenyaa ammas buqqaatonni naannoo Amahaaraa keessa jiran kaasan kan ilaaleen Angawoota naannoo Oromiyaarraa deebii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne. Haa ta’uyyuu malee kanaan dura Mootummaan naannoo Oromiyaa namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’anii jiran gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif hojjechaa jiraachuu isaa ibsuun isaa ni yaadatama Jechuun Asteer Misgaanawuutu Bhaardaar irraa Gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG