Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Gareelee Hidhataniif Waamicha Nageenyaa Akka Dhiyeessu Gaafatame


EZEMA
EZEMA

Mootumaan Itiyoophiyaa waliti bu’insaa hidhannoo biyyattii keessa jiru dhaabsisuu dhaan warren meeshaa hidhatanii lolaa jiranuuf waamicha nageenyaa haqa qabeessa ta’e akka dhiheesuu paartiin mormituu EZEMA jedhamee beekamu gaafatee jira.

Walitti bu’insii naannoo Oromoyaa fi Amaaraa keesaa jiru badiinsa lubbuu namoottan heduutiif sababa ta’uusaatiin alatti, sochii dinagdee fi hawaasummaa naannoowwan kanaa waan midhaa jiruuf haalii jireenyaaf sodaachisaa ta’e muudachaa akka Ezemaan Ibsa isaa har’aa kana irraatti ibsee jira.

Paaretichii Itti dabaluudhaanis Mootummaan Beelaa naannoo Tigraay keessa jiruuf xiyyeeffanna gahaa hin kenninee jechuudhaan himatee jira.

Mootummaa Itiyoophiyaa gama isaatiin, biyyatii keessatti nageenmya buusuudhaaf gareewwan hidhaatootaaf waamicha nageenyaa dhiheesuu isaa fi Tigraay keessatti balaa beelaa Godinaawwan Afur muudateef gargaarsa taasisaa jiraachuu isaa akka ibsee jiru Gebremikaa’el Gebremedihiin Finfdinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG