Hooggantoonni biyyoota Afiriikaa Wiixata har’aa Xaaliyaanii magaalaa Room keessatti yaa’ii Afiriikaa Xaaliyaanii irratti hirmaachuuf wal ga’aniiru. Ministirri Muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Melonii karoora Xaaliyaanii gara wiirtuu aannisaatti jijjiiruu fi godaansa dhaabuuf waan kayyeeffate ni ifoomsus jedhameera.
Bara 2022 tti waa’ee godaantoota gara Xaaliyaaniiti godaananiirratti yaadota jajjabaa dhiyyeessuun carraa filatamuu argachuun gara aangoo Ministira muummeetti kan baate Meloniin hundeessaa dhaabbata aannisaa xaaliiyaanii kan ta’e INirikoo Mateeyii irraa kakka’umsa argatteen mala Interpireenershiippii tilmaamuu fi hojiirra oolchuun hariiroo biyyoota Afirikaa qabdu irra deebbiin deebitee bocuuf dhaaddateetti.
Karoorri Meloonnii kunis biyyoota Afiriikaa fi Awurooppaa gidduutti akka riqichaatti tajaajiiluun Aannisaa gara kaabaatti geessuun Invastimmoo gara kibbaatti fiduun walii galtee godaansa ittisuuf kayyeeffates jedhameera.
Tamsaasa miidiyaa biyyaaleessaa Ra’ii irratti gaaffii fi deebii taasisteen Muummeen ministira Xaaliyaanii Kaayyoon isaa mul’ata misoomaa Afiriikaaf qabnu biyyoota Afirikaaf qabnu dhiyyeessuudha. Kana jechuun mala haaraa kan godaansa hambisuuf nama adamsuu hin taane, mala abbaan tokko olaantummaa irrattu qabaatu osoo hin taane mala hiriyyummaan waliin guddaannuuti jedhaniiru.
Yaa’ii hooggantoonni fi bakka bu’oonni biyyoota 25 irratti argaman kan Xaaliyaaniitti taa’amaa jiru mata duree Riqicha guddina waloo jedhu kennameef irratti Pireezidaantii Komishinii Awurooppaa dabalatee bakka buutoonni dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi kan baankii Addunyaas irratti argamaniiru.
Komishinara komishinii gamtaa Afiriikaa Musa Faki Mahammat, Pireezidaantoonni biyyoota akka Tuniziyaa, Senegaal, Koongoo, Eritiriyaa, Gaanaa, Keeniyaa, Murataaniyaa, Moozambiki, Zimbaabuwee akkasumsa Ministirri muummaa Itiyoophiyaas yaa’ii kanarratti hirmachuuf garasitti imalaniiru.
Forum