Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Waraansaa Boodaa, Ijaarsa Nagaa Murtii-Haqaa, fi Deemsa Gara Fuul-Duraa Konferensiin Jedhu Marsaa Interneetiin Geggeessamee Jira 


Aangawoonni Tokkummaa Mootummootaa Biyyoonni Arjooman Maallaqa Gargaarsa Falasxiinotaa Dhaaban Akka Keessa Deebi'anii Ilaalan Gaafataa Jiru
Aangawoonni Tokkummaa Mootummootaa Biyyoonni Arjooman Maallaqa Gargaarsa Falasxiinotaa Dhaaban Akka Keessa Deebi'anii Ilaalan Gaafataa Jiru

Mata duree ijaarsa Nagaa , Tigiraay waraana booda fi daandii gara fuula duraa jedhurratti Sanbata darbe gaafa Amajjii 18, bara 2016 A.L.I tti wal ga’ii akka Addunyaatti dhaabbata Nagaa fi Haga Taaagaruu Idil Addunyaa jedhamuun qophaa’e toora Marsariitii fayyadamuun gaggeeffameera. Dhaabbatichi kan bu’aaf hojjenne teessoo isaa as Yuunaayitid Isteetsi kan godhate wal ga’ii qopheesse kanarratti Hayyoonni , bakka bu’oonni hawwaasaa , Gaanfa Afiriikaatti ergama addaa mootummaa Ameerikaa Ambaasaddar Maayik Hameerii fi Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raddaas irratti hirmaataniiru.

Biyyoota Gaanfa Afirikaattai Ergamaan Addaa mootummaa Ameeriikaa Ambaasaddar Maayik Hamar wal ga’ii kanarratti dubbii dubbataniin Ji’a Sadaasaa bara 2022 irraa kaasee dhukaasa dhaabuu fi walii galteen Piriitooriyaa baay’ee barbaachisaa akka ta’e ibsanii guutummaa guutuutti hojiitti hiikamuu dhabuu isaatiin garuu itti quufinsa hin qabnu jedhan.

Obbo Geetaachoo Raddas Hirmaattoota Wal ga’ii kanaaf ergaa dabarsaniin Ambaasaddar Maayik Hamar walii galteen Piriitooriyaa akka mallatteeffamuuf deeggarsa taasisanif galateeffatanii, deeggarsi isaanii akka itti fufus abdii qaban ibsaniiru. Walii galteen Piriitooriyaa erga mallatta’ee Ji’oota 14 ol lakkoofsiisuu kan himan Obbo Geetaachooon hanga ammaattis namoonni baay’inni isaanii miiliyoona tokkoo ol ta’an kanneen sababa waraanichaan qe’ee isaaniirraa buqqa’anii turan gara qe’ee isaaniitti hin deebifamne jedhan. Itti dabaluunis Daangaan bulchiinsa naannoo Tigiraay kan heera mootummaan beekamu ammayyuu gara bakka isaatti hin deebifamiin jiraachuus ibsaniiru.

Ambaasaaddar Maayik Hamar naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mariin karaa nagaa akka taasifamuu fi humnoonni Eriitiriyaa Tigiraay keessaa akka baafamanii fi dhimmoota biroo irratti mootummaan Ameerikaa tattaaffii akka taasisu ibsaniiru jechuun gabaasaan Sagalee Ameerikaa kan Afaan Tigiree Gabiree Gabiremedihiinitu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG