Loltonni Israa’el hidhattoota Gaazaa kanneen guutummaa dugdee Gaazaa keessaa lola irra jiran akkasumas hidhattoota Hamaas Gaazaa giddu galeessaa fi kaabaa ajjeesuu dabalatee irratti dulaa jiraachuu Israa’el beeksistee jirti. Haleellaan qilleensa irraan Israa’el geggeessitu Kahaan Yuunis kan kutaa Gaazaa gama kibbaa hanga tokko haleeleera jette.
Lolli kun kan itti fufe ennaa araarteessonni wixinee haaraa kan dhukaasa dhaabiinsaa ilaalchisee fooya’ina walii galtee Israa’el fi Hamaas jidduu kan yeroo gabaabaaf lolli akka dhaabatu taasisu dhaga’uuf eegaa jiranitti.
wixineen marii qophaa’e Paaris keessatti Yunaayitid Isteetis, Israa’el, Qataar fi angawoota Masrii gidduutti jalqaba torban kanaa adeemsisamaa ture. Hoogganaan Hamaas Ismaa’il Hamiyeeh illee karoora kana ilaalchisee mari’achuuf jecha gara Kayirootti imalu jedhamee eegamaa ture.
Dubbi himaan gumii nageenya biyyoolessaa Joon Kerbii ennaa Roobii kaleessaa White House keessatti ennaa ibsa kennan waa’ee wixinee sanaa bal’inaan akka ibsan gaafatamanii jiran.
Forum