Finciltoonni Huttii doonii waraanaa Ameerikaa galaana diimaa irra jiru irratti misaa’eloota hedduu dhukaasuu isaanii roobii kaleessaa kan beeksisan. Jhumni galaanaa Raayyaa ittisa Biyya Yaman, Gargaarsa Waawayyoon misaayiloota hedduu doonii wraanaa Ameerikaa kan USS Greevilii jedhamu irratti dhukaasuu isaa ibsi warreen Hutii biraa ba’e beeksisee jira.
Kanaan dura waaltaan ajajaa Yunaayitid Isteetis akka jedhetti Doonitiin waraanaa USS Gravely misaayila HUtii galkan gara sa’a 11:30tti rukutuu isaa Kibxata darbe beeksisee ture. Balaan kun walitti aansuun galaana diimaa irratti ka raawwatame keessaa isa boodanaa ti.
Hidhattoonni Huttii kanneen Iraaniin deggeraman, naannolee Yemen kan to’annaa Hutii jala jiru irraa Kiruus Misaayila gara galaana diimaatti dhukaasan jedha ibsi waaltaa ajajaa biraa ba’e. Misaaylichis doonii waraanaa US USS Gravely dhaan manca’uu danda’ee jira. Miidhaan gabaasame garuu hin jiru jedhee jira ibsichi.
Farreen Israa’el fi warreen gama dhiyaa hanga tokkoo kan ta’an warreen Huttii fi gareen Iraaniin deggeraman baatilee hedduu dhaaf dooniiwwan Galaana Diimaa irra socho’an rakkisaa kan turan yoo ta’u haleellaa haaloo ba’uu Yunaayitid Isteetisii fi Briteen irraa tuttuqataniiru.
Gama biraan angawoonni Hindii ennaa humnoonni gama dhiyaa haleellaa warreen Huttii Iraaniin deggeraman irratti fuuleffatanii jiran kanatti, shiftoota galaana irraa irraa of ittisuuf jecha dooniiwwan waraanaa kudhanii ol Galaana diimaa gama bahaatti kan bobbaasan yoo ta’u dooniiwwan 250 ta’an immoo sakatta’uu isaanii beeksisan.
Hindiin gamtaa humnootii waraanaa Yunaayitid Isteetisiin durfamuuf Galaana Diimaa eeguuf grumaa’etti hin makamne, doonii waraanaas gamasii hin qabdu. Garuu dhiyeenya galoo galaana Eden irraa doonii galaanaa lamaa fi yoo xiqqaate galaana Arabaa kaabaa fi gama dhiyaa irraa immoo dooniiwwan waraanaa fi xayyaara to’annaa qabaachuu ishee angawoonni beeksisaniiru.
Forum