Saphaloo Kadiir, barreessitoo'ta walaloo Afaan Oromoon dhiyeessan keessaa tokkodha. Ji’oottan dura, kitaaba kuusa walaloo ‘Kaasa Areeraa’ jedhu kan maxxansee Saphaloon Kadir, jechoota Afaan Oromoo duriirratti xiyyeeffatee akka barreessu dubbata. Ibsaa Ahmed Siraaj, barreessaa fi xiinxalaan kitaabotaa, Saphaloon barreeffamoota keessatti jechoota kana fayyadamuun guddina ogbarruu barreeffamaa Afaan Oromootiif bu’aa guddaa qaba, jedha. Turtii baqaaganna waggoota torbaa booda biyyatti kan deebiye Saphaloon ammallee kitaabota marraagaa, xiinsammuu fi kaanis maxxansaaf dhiheessuf yaada qabu dubbata. Galmoo Daawwit waa’ee hojii ogbarruu isaarratti dubbisee jira.
Forum