Yunaaytid Isteetis labsiin yeroo muddamsaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa keessaa yeroon itti hojii irra oolfamuu dheerachuun isaa na yaasseessa jettee jirti.
Bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa dabalatee Rakkoo wal xaxaa kan siyaasaa fi dhabamuu nageenyaa, mariin qofa furamuu akka qaban Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Erviin Maasingaa Ibsanii jiru.Kana irratti Amerikaan deggersa gochuuf qophii ta’uus ibsaniiru
Maasingaan miidiiyaa haawaasaa kan Embaashichaa irratti dhaamsa dabarsaniin, Itiyoophiyaa waliin hidhata bara dheeraa akkuuma qabnu, yeroon hojii irra olfama labsii kanaa dheerachuun nu yaaddeessa jedhan.
Yeroon labsiin kun hojii irra itti olfamuu dheeraffamuu kan ilaaleen paartileen siyaasaa yaada gaafataman yaada adda addaa calaqqisanii jiru
Abiniin bakka bu’uun mana maree bakka bu’oota uummataaf miseensa kan ta’an Obbo Ababaaw Dassalew fi walitti qabaan mana maree waloo kan paartilee siyaasaa fi barreessaa Medreek Obbo Dastaa Diinqaa yeroon dheereeffamuu kan mormanii jiru.
Miseensii koree hojii raawwachiiftuu biyooleessaa kan Izeemaa Obbo Iyyaasuu Masaafint mariif haala mijeessuuf labisuun kun barbaachisaa ta’u dubbatan.
Garu labsiin kun naannoo Amaaraa gara sochii nagaatti fiduuf waan hin dandeenyeef jecha, yeroon dheeraffamuu hin mormuu jedhan.Garu labsiin qofti furmaata waan hin fidneef, mariin jalqabamuu qaba jedhanii kanaafis manni marii yeroo labsiin kanaa akka dheeratu taasisee itti gaafatama isaa ba’u qaba jechu isaanii keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum