Abbootiin Alangaa Mana Murtii Yakka idil-Adduunyaa hoggantoota garee hidhattootaa Palaastaayin Hamaas irratti akka himaannnaa dhiheessan maatiin namoottan Hamaasiin humnaan butamanii fudhatamanii gaafatanii jiru. Gumiin maatii namoottan butamanii fudhatamnanii Roobii har’aa mana murtichaa irratti argamuudhaan akka ibsaniitti, dhimmi namootaan fedhii isaaniitiin ala butamanii fudhataman, kanneen hokkorri saalaa irraatti raawwatamee,kanneen reebichii irraatti raawwatee mana murtichaa biraatii xiyyeeffanna argachuu qaba. Gareen Hamaas haleellaa Onkololessa 7 bara 2023 israa’ell keessatti raawwateen namoottan 250 ta’an humnaan butii fudhatee, namoottan 1200 ta’an ajjeesuun isaa ni beekama.
Namoottan butamanii fudhataman kana keessaa 100 kaneen ta’an waligaltee dhukaasa dhaabuu ji’a Sadaa keessa torban tokkoof taasifameen kan gadi lakkisaman yemmuu ta’u namoottan 30 ta’an immoo akka du’an yokaan ajjeefaman waraanni Israa’el beeksisee jira. Warreen harka Hamaas keessati hafanii jiraanu gadilakkisiisuudhaaf mariin dhukaasa dhaabuu marsaan biraa kibxata kaleesaatii kaasee magaalaa Kaayiroo keessaati jalqabamee jira. Marii kana Irratti Yunaayitid Isteetis, Israa’el, Qaataarii fi Masiriin hirmaachaa jiru. Dubbii himaan dhimmaa nageenyaa biyyaalessaa Yunaayitid Isteetis Joon Kirbii marii Kaayiroo keessatti taasifamaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniin “mariichi haalaa gaariidhaan kallattii sirriirra adeemaa jira” jechuun isaanii gabaasameera.
Forum