Xurree ittiin seenan

 
Angawoonni Itiyoophiyaa Labsii Yeroo Muddamaatti Fayyadamuun Mormii Karaa Nagaa callisiisuu Hin Qaban, Jedha Amnestii Internaashinaal
Breaking News

Angawoonni Itiyoophiyaa Labsii Yeroo Muddamaatti Fayyadamuun Mormii Karaa Nagaa callisiisuu Hin Qaban, Jedha Amnestii Internaashinaal


Amnesty International
Amnesty International

Anagawoonni Mootummaa Itiyoophiyaa Labsii yeroo muddamaa dawoo taasifachuun namoota siyaasaa bebeekamoo kanneen mootummaarratti qeeqa dhiyyeessan,fi Gaazexeessitoota akka fedhetti to’annaa jala oolchaa jiran akka dhaaban jechuun dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Ameenisti Internaashinaalii gaafate.

Naannoo Amhaaraatti jeequmsa garee Faannoo fi milishaa Amhaaraatiin mootummaarratti ka’e hordofee manni maree bakka bu’oota uummataa mootummaa Itiyoophiyaa ji’a hagayyaa bara 2023 irraa kaasee labsii yeroo muddamaa turtii ji’oota ja’aaf turu kan akka barbaachisummaa isaatti guutummaa biyyaatti hojiirra oolu labsee ture. Yeroon labsiii kanaa dhumuu hordofees manni marichaa Gaafa Guraandhala 2, bara 2024 akka dheereeffamuuf mirkaneesseera. Akka Gabaasa Ameenistii Inteernaashinaaliittimmoo ji’oota jahan darban keessatti angawoonni mootummaa labsii yeroo muddamaa da’o godhachuudhaan ajaja mana murtii malee shakkamtoota to’annaa jala oolchuu , uggura sochii kaa’uun mirga bilisummaan socho’uu daangessuu fi walga’iiwwanii uummataa akka dhorkaman taasiiseera.

Dhaabbata Ameenisti Inteernaashinaalii naannoo Afiriikaa Bahaa fi Kibbaatti Daayireekteera kan ta’an Tigeeree Chaagutaah , Mootummaan Itiyoophiyaa tooftaa kanaan dura mootummaan biyyattii labsii yeroo muddamaa fayyadamuun mirga namoomaa bu’uuraa irratti dhiibbaa taasisaa ture irra deebi’uu hin qabu jedhanii, Lammiileen Itiyoophiyaa Naannoo Amhaaraa keessatti jeequmsa waraanaa biraaf saaxilamuu, Naannoo Tigiraay keessatti rakkoon gargaarsa namoomaa hamaan jiraachuu fi nannoo Oromiyaa keessatti rakkoon nageenyaa hamaan jiraachuu fi guutummaa biyyattii keessatti adabbii malee namoonni ta’annaa jala oolfamaa jiraachuus eeranii ga’een miidiyaa fi yaada ofii bilisaan ibsachuu akkuma yeroo kamiiyyu murteessaadha jedhaniiru.

Labsii yeroo muddamaa hordofee namoonni Siyaasaa shanii fi gaazexeessitoonni Sadii himannaa tokko malee to’annaa jala oolfamuu isaanii maatii isaaniirraa Ameenisti Inteernaashinaalii qulquleeffachuu gabaasichi ifoomseera.

Mana maree bakka bu’oota ummataa naannoo Amaaraatti miseensa kan ta’an Yohaannis Buwaa Yaaleew, Mana maree bakka uummataa Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti miseensa kan ta’an Dr, Kaasaa Teshaager, Caffee Oromiyaatti miseensa kan ta’anii fi dee’etaa ministira nagaa Itiyoophiyaa kan Turan Taayyee Danda’aa, Minsensa mana bakka bu’ootaa Uummataa Itiyoophiyaa kan ta’an Kiristiyaan Taaddelee fi Daasaleeny Caannee himannaan osoo irratti hin dhiyaatiin maqaa labsii yeroo muddamaatiin tao’annaa jala oolafamaniiru jedha gabaasni Ameenisti Inteernaashinaalii.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG