Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Haleellaa Gareen Hutii Yemen Keessaa Galaana Diimaa Irratti Raawwate Haaloo-Bahuuf Misaahela Isanii Yemen Keessaa Haleelte


Ameerikaan Haleellaa Gareen Hutii Yemen Keessaa Galaana Diimaa Irratti Raawwate Haaloo-Bahuuf Misaahela Isanii Yemen Keessaa Haleelte
Ameerikaan Haleellaa Gareen Hutii Yemen Keessaa Galaana Diimaa Irratti Raawwate Haaloo-Bahuuf Misaahela Isanii Yemen Keessaa Haleelte

Haleellaan doonii fe’umsaa Galoo galaana Eden irratti raawwachuu isaa gabaasi isaan dhaqqabuu dhaaboliin nageenyaa galaana irraa kamisa har’aa beeksisaniiru.

Dhaabni nageenya galaana irraa kan ajensii hojii daldalaa UK akka jedhetti misaayiloonni lama doonittiitti waan dhukaafameef doonittii irra balaan ibiddaa dhaqqabuu isaa ibsanii jiran. Dhaabbati kun itti fufuu dhaan buufata duuonii Yemen kibba gama bahaa irraa fageenya km 130 iiratti balaa mudate kanaaf humnootiin wal taatotaa deebii kennaa jiru jedhe.

Dhaabbati nageenya galaana irraa kan Birteen, doonittiin alaabaa Palaawuu kan ofi irraa qabdu yoo taatu doonii fe’umsaa qabeenya UK ta’uu ibsee jira.

Waaltaan ajajaa waraana Yunaayitid Isteetis akka jedhetti Roobii kaleessaa naannoo warreen Hutii Yemen keessaa to’atanii jiran keessa kanneen jiran misaayiloota farra doonii irratti ka fuuleffate haleellaa qilleensa irraan geggeessuu isaa beeksisee jira.

Waaltaan ajajaa akka jedhetti haleellaalaan sun kiruus misaayila bakkaa bakkatti sosso’u rorbaa fi misaayila gara galaana diimaatti furguggifamuuf jiran irratti raawwate. Humnoonni Yunaayitid Isteetis diroonii diroonii tokko rukutee kuffisuu isaa CENTCOM ibsee jira.

Haleellaaleen sun dooniiwwan daldalaa fi kan humnootii galaanaa naannoo sana keessa sosso’aniif balaa hafuu hin malleef deebii kennuuf jecha. Finxaaleyyiin warreen Hutii erga baatii Sadaasaa qabee haleellaalee hedduu raawwachuu dhaan imala doonii galaana Diimaa irraa danqanii jiru. kampanileen doonii hedduun illee naannoo sana irra deemuu irraa maquu dhaan daandii akkaan qaalii ta’ee fi dheeraa ta’e irra doonilee isaanii karaa Afriikaa ergaa jiran.

Haleellaan Roobii kaleessaa kan dhaga’ame erga Pentagon finciltoonni Hutii kanneen Iraaniin deggeraman diroonii MQ-9 jedhamu andaara galaana Yemenitti rukutuun kuffisuu isaanii beeksisee booda.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG