Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Giddu-galeessaa  ABUT Miseensota Isaa Gameeyyii Lama Yeroo Waraansa Tigiraay Mootummaan Hidhamanii Turan’rratti Tarkaanfii Fudhate


TPLF
TPLF

Koreen gidduu kan Adda Bilisummaa Uummta Tigraay(ABUT) Kamiisa kaleessaa wqalgahii gaggeesseen, yeroo wal waraansaa darbee sana hogganoota isaa “Diina” jechuun kan waamee mootummaa Feedeeraalaan qabamanii turan irratti, murtii dabarsuu isaa ibsa barreeffamaa fees buukii paartichaa irratti baaseen hubachisee jira.

Akka kanaais miseensoota koree hojii raawwachiiftuu fi koree gidduu kannen turan 6 bakka turanti akka deebi’an paartiin kun murteessee yoo ta’u, isaanis Dr. Addis Alam Baalleemaa, Dr Abrahaam Takastee, Dr solomoom Kidaana, Obbi Atsibahaa Aragaawwii, aaddee kiriis Haagoosii fi Dr. Redaa’ii Barha ta’uun ibsameera.

Miseensa koree raawwachiiftuu paartichaa kan turan Aaddee Keeriyaa Ibraahim fi miseensa koree gidduu gala kan tiran Aaddee Muluu Gabra Egzaabeer immoo, diinatti harka kennachuun akkasumas, iccitii dabarsanii kennan jedhamuun paarticha keessaa ari’amanii jiru.

Aaddee Keriyaa braahiim dhimmi kana ilaalchisee sagalee Amerikaaf deebii kennaniin, haqii ykn dhugaan jiru gara fuula duraatti ifa ta’aa jedhaniiru.

Walgahiim koree gidduu gala kan TPLF jimaata har’as itti fufee kan jiru yoo ta’u, gumii paartichaa isa itti aanuu irratti mari’achuun isaa ibsameera jechuun Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG