Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Kokoolaatonni Lama Hidhattootaan Jalaa Fudhatamuu Waldaan Fannoo Dimaa Itiyoohpiyaa Beeksise


Naannoo Amaaraa Keessatti Kokoolaatonni Lama Hidhattootaan Jalaa Fudhatamuu Waldaan Fannoo Dimaa Itiyoohpiyaa Beeksise
Naannoo Amaaraa Keessatti Kokoolaatonni Lama Hidhattootaan Jalaa Fudhatamuu Waldaan Fannoo Dimaa Itiyoohpiyaa Beeksise

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti, kokoolaataan lama hidhattoota eenuymmaan isaanii hin beekamneen fudhatamuu, waldaan Fannoo Dimaa kan Itiyoophiyaa ibsa kamiisa kaleessaa baaseen beeksisee jira.

Kokoolaataan hojii gargaarsa namoomaaf gara goodina Gondar Kibbaa fi Gondar kaabaa sosso’aa turan lamaan, turban tokko dura, godiina Gojjam Bahaa magaalaa Mooxaa irraa fageenya kilo meetra 30 irratti bakka maqaan isaa addaa Astariyoo Maariyaam jedhamutti, hidhattootaan fudhataman jechuun himatee jira.

Kokoolaataan humnaan fudhataman kun, Fannoo Diimaa Fiinlaand irraa kan argamee fi meeshaalee tajaajiila eeguumsa fayyaa fe’anii deemaa kan turan ta’u waldaan fannoo dimaa kan Itiyoophoyaa tti itti gaafatamaa Koomuunikeeshinii kan ta’an Obbo Masfin Darajjee sagalee Amerikaaf himanii jiru.

Hidhattonni kun kokoolaattoota kana kaayyoo ka’ameefiin alatti itti tajaajiilamaa akka jiran, kanaafis waldaan fannoo diimaa itti gaafatama akka hin fudhanne ibsameera.

Gama kaaniin, Waag Himraa keessatti immoo, caama mudatee hordoofee, hojii lammiilee miidhaman gargaaruu irra olee magaalaa saqooxaa irraa gara koramitti imalaa kan ture kokoolaataan fannoo diimaa biraan magaalaa Koram ga’uuf kilo meetirri 3 lafa hafeetti bakka Faalaa Gbayaa jedhamutti hidhattoota riphanii turaniin irratti dhukaasnii banamuu ibsamee jira.Bombiinis kan irratti darbatamee ta’uus, konkoolaataan miidhamuun alatti lubbuun namaa irra miidhaan hin geenye jedhameera jechuun Keeneedii Abaataa Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG