Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Fulbaana 1, 2014 irraa eegalee hanga Onkoloolessa 30, 2016tti naannoo Oromiyaa godinaalee sagal keessatti walittibu'iinsi itti fufee jiruun, lammiilleen nagaa hedduun miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa, Waraana Bilisummaa Oromoo fi hidhattoota Amaaraa alidileetiin miidhaan irratti raaw’atamee jira, jedhe.
Komishinichi dhuma torban darbe irra gabaasaa baaseen, namoonni nagaa sababaa "humnoota hidhatanii fi humnoota nageenya mootummaa deeggartu, maatiin keessanis miseensota humnoota kanaati” sababaa jedhumuun namoonni akka ajjeesaman beeksise – gabaasichi.
Waggoota lama keessatti sarbamiinsoonni mirgoota namoomaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwataman yakkoota waraanaa dhala namaa irratti raawwataman tahuukan agarsiisu qorannoo guutuu ta'ee qindeessuu isaa, Koomishinichi beeksisee jira.
Gabaasa Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa baase kana keessatti kanneen maqaan isaanii eerame raayyaan ittisaa biyya,WBO fi hidhattoonni Amaaraa alidileen, himannaalee walfakkaataa ammaan dura irratti dhiyaatan haalaa turan. Komishinichatti hogganaan damee Jimmaa obbo Badhaasaa Lammeessaa “haleellaan lammiilee nagaa irratti raawwatamu erga gabaas kaan un baheellee itti fufee jira,” jechuun Sagalee Ameerikaaf ibsan.
Forum