Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Mana Keessaa Geggeffamaa Jiru Irratti Itoophiyaan Meedaaliyaa Lama Argatte


Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Mana Keessaa Geggeffamaa Jiru Irratti Itoophiyaan Meedaaliyaa Lama Argatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:31 0:00

Shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa mana keessaa guyyaa lammaffaattin Itoophiyaan meedaaliyaa lama arggateeti. Dorgommii xumuraa meetira 3000 dubartootaatiin atileet Guddaaf Tsagaayee 2ffaa baatee meedaaliyaa meetii Itoophiyaaf argamsiisteetti. Atileetiin Ameerikaa Eel Piyeer rikoordii shaampiyoonichaa fooyyessuun meedaaliyaa warqee argatte. Atileetin Keeniyaa Beyetris Chipakoo immoo saddaffaa ta’uun yeroo xumurtu, Atileet Lamlam Hayiluu fi Hiruut Mashashaa sadarkaa 6ffaa fi 7ffaa bahuun xumuraniru.

Fiigicha meetira 3000 dhiirotaa irratti hojiin garee guddaan kan agarsiifame yoo ta'u, atileet Solomoon Baaragaan Itoophiyaaf meedaaliyaa nahaasaa argamsisseraa.

Atileetiin Lammiin Biriteen Joosh Keri dorgomicha yaggu injiffatuu, atileetin lammi Ameerikaa Yaareed Nuggusse ammoo meedaaliyaa meetii badhaaffameeraa.

Atileetiin hojii garee keessatti qooda guddaa fudhate Geetinet Waale sadarkaa 4ffaa bahuun dippiloomaa argateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG